Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa wal dorgommiiwwan Atileetiksii fi leenjiin atileetiksii haala itti eegalan irratti qooda fudhattoota waliin kaleessa Hoteela Eliyaanaatti marii gaggeeyse.Marichi dhimma haala ittiin dorgommiiwwan gara waltajjii… Read more “Manni marii bakka bu’oota ummataa torbee itti aanu kana haala sosochiin itti eegaluu danda’urratti ni mari’ata jedhame.”
Obbo Jawaar Mohaammad , Baqqalaa Garbaafi kaan mana murtiitti dhiyaatanii himatni irratti baname
Obbo Jawaar Mohaammadiifi himatamtoonni kaan labsii farra shororkeessummaa bahe cabsuun himataman Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Lidataatti dhihaatanii himatni irratti baname.Abbaan Alangee Sambata darbe, namoota 24 akkasumas… Read more “Obbo Jawaar Mohaammad , Baqqalaa Garbaafi kaan mana murtiitti dhiyaatanii himatni irratti baname”
Maaraatoonii Landan bara 2020 Koorniyaa dhiiraan Atileetonni Itiyoophiyaa ol’aantummaan yoo xumuaraman, Shuraa Qixxaataan sa’atii saffaisaa dhunfaa isaa galmeessuun injifate.
Waggaa lama dura sadarkaa 2ffaa qabachuun kan xumure shuraa kutataa xumurarratti atileetii keeniyaa falmii cimaa taasisuun maaraatoonii Landan baranaa injifate. Shuraan maaraatoonii Landan bara 2020 sa’aa 2, daqiiqaa 05 fi sekandii 41′ xumuruun injifate. Atileetiin Keeniyaa Viinsanti Kipchuumbaan sadarkaa 2ffaa qabachuun xumure. Atileetonni Itiyyoophiyaa Siisaayi Lammaa, Moosinnat Garramoo, Mulee Waasihuun fi Taammiraat Tolaan sadarkaa 3ffaa hanga 5ffaa jiru qabachuun xumuran. Abbaan riikkardii maaraatoonii addunyaa Iluud Kipchoogeen immoo sadarkaa 8ffaan xumure. Kipchoogeen bara 2013 as yeroo jalqabaatiif Maaraatoonii Landan kanaan moohamuu isaati. Atileet Qananiisaa Baqqalaan miidhaa miilaatiin maaraatoonii Landan kanaa ala tahuun isaa ni beekkama. Miidiyaan Keeniyaa NTV’n atileetonni Itiyoophiyaa ciccimoon jiraachuu baataniis, atileetonni Itiyoophiyaa atileetota Keeniyaaf hin jilbeeyfatan jedhe. Sadarkaan tokkoo hanga jahaa kunooti.
1 Shuraa Qixxaataa 02:05:41🇪🇹
2 Viinsant Kiipchuumbaa 02:05:42🇰🇪
3 Siisaayi Lammaa 02:05:45🇪🇹
4 Moosinnat Garramoo 02:06:04🇪🇹
5 Mulee Waasihuun 02: 06 :08🇪🇹
6 Taaammiraat Tolaa 02: 06 : 41🇪🇹
Gama dubaraan immoo atileetiin keeniyaa Biriid Koosjee yeroo sa’aa 2 daqiiqaa 18 fi sekondii 58’n xumuruun yoo injifattu, atileetiin Itiyoophiyaa Ashatee Bakrii sadarkaa 4ffaan xumurte. Magartuu Aalamuutiis sadarkaa 5ffaan xumurte.
Taphataa kubbaa miilaa duraanii Awustiraaliyaa Shuwaan Ismiiz miidhama qaaamaaf beenyaa birri miil. 36 kaffalameef
Isporteessitoonni gosa dorgommii hirmaatan keessatti yeroo hedduu balaaf saaxilamu. Walitti bu’u, yookiin cabu, yookiin miidhaan biraa isaanirra gaha.Kana to’achuuf gosa nyaataa sooratan alatti ga’umsa miidhama kanarraa isaan… Read more “Taphataa kubbaa miilaa duraanii Awustiraaliyaa Shuwaan Ismiiz miidhama qaaamaaf beenyaa birri miil. 36 kaffalameef”
Gooliiwwan lama Saadiyoo Maaneen galcheen Liivarpuul Cheelsii injifate.
Hawwiin eeggamaa kan ture taphni pirimar Liigii Ingiliz Chelsea fi Liverpool waliin taasisan injifannoo Liivarpuuliin xumurame. Shaampiyoonaan pirimar liigii Ingiliz bara dabree Liivarpuul dirree ala gara “stamford… Read more “Gooliiwwan lama Saadiyoo Maaneen galcheen Liivarpuul Cheelsii injifate.”